Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti lammiilee miidhamaniif deeggarsi miidhaanii kuntaalli kumni 27fi 900 qaqqabuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2014(FBC) –Godina Booranaatti sababa gogiinsi muudateen lammiilee miidhamanif miidhaan kuntaala kuma 27 fi 900 deeggarsi qaqqabuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa  beeksiseera.

Itti gaafatamaan Quunnamtii Ummataa fi Kominikeeshinii komishinichaa obbo Dabbabaa Zawdee, godinichatti hanqina roobaa mudaten gogiinsa uumamen lammiileen rakkoof saaxilamu himaniiru.

Komishinichi kana hubachun lammiilee rakkoo kanaaf saaxilamaniif deeggarsi ariifachiisaa taasifamu himan; keessattu deeggarsi miidhaan nyaata taasifamus himaniiru.

Haaluma kanaanis lammiilee miidhamanif miidhaan kuntaalli kumni 27fi 900 deeggarsi qaqqabeera jedhan.

Deeggarsa marsaa jalqabaa kanaanis qamadiin kuntaala kuma 12fi 400 ol Ruuzii kuntaala kuma 6 fi daakuu kuntaala kuma 3fi 500 ol taasisu himan obbo Dabbabaa.

Rakkoo godinicha keessatti mudate addaa baasuuf gareen hundaa’e gara naannichatti ergamuus himaniiru.

Ityoophiyaa keessatti yeroo ammaa kana rakkoo nam-tolcheefi uumamaan mudateen, biyyattin harka 70 humna mataa isheen lammiilee ishee gargaaraa akka jirtus himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.