Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii fi Boraanaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsi dhiyaachaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 13, 2014 (FBC) – Mootummaan lammiilee Godina Gujii fi Boraanaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa dhiyeessaa jiraachuu ibsameera.
Jiraattoota Godina Gujii fi Boraanaatti sababa hongee mudateen miidhamaniif mootummaan deeggarsa midhaan nyaata barbaachisaa ta’e dhiyeessaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksise.
Godina Boraanaatti sababa hongeen abbootii warraa kuma 50 fi 963 akkasumas Gujiitti ammoo kumni dhibba1 fi kuma 2 fi 382f deeggarsi midhaan nyaataa dhiyaachaa jiraachuu Itti aanaan Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa obbo Hayidaruus Hassan, himaniiru.
Sababa hanqina roobaan hongee muudateen namootaa fi beelladoota irratti hanqinni nyaataa mudachuu obbo Hayidaruus Hassan ibsaniiru.
Maddi:-DhPI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.