Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti daa’imman 2 irratti vaayrasiin Pooliyoo muul’achu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2014 (FBC)- Godina Jimmaatti daa’imman 2 irratti vaayrasiin pooliyoo muul’achuusaa waajjirri eegumsa fayyaa godinichaa beeksiseera.

Waajjirichatti qindeessaan fayyaa maatii Obbo Xaasoo Birhaanu Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, vaayrasichii daa’imman waggaa shanii gadii lama irratti aanaa Dedoo fi Gumaayitti mul’ate.

Dhibeecha too’achuuf waggaa waggaan talaalliin kennamaa ture kan jedhan qindeessachi, daa’imman hedduu dhibecharraa ittisuun akka danda’amee dubbataniiru.

Hata’u malee yeroo ammaa vaayrasiin kun daa’immaan lamarratti mul’achuusaati kan himan.

Kanumaan walqabatee boruu Onkololeessa 12, 2014 kaasee guyyoottan afuriif talaalliin dhibee pooliyoo daa’imman kuma 700f akka kennamu ragaan waajjira eegumsa fayyaa godinichaarraa argame ni mul’isa.

Muktaar Xahaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.