Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkal Aanaa Manduuraatti walitti bu’insa namoota gidduutti uumameen lubbuun namoota 12 darbuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Godina Matakkal Aanaa Manduuraatti walitti bu’insa namoota gidduutti uumameen lubbuun namoota 12 darbuun ibsame.

Godina Matakkal Aanaa Manduuraatti walitti bu’insa namoota gidduutti uumameen lubbuun namoota 12 darbuu Hogganaan Biiroon Nageenyaa Naannoo Beeniishaanguul Gumuuz obbo Gaashuu Duugaaz ibsaniiru.

Namoota lubbuun darban dabalataan nama tokko irratti miidhaan ga’ee hordoffiin yaalaa taasifamaa jira.

Sababa namoonni sadi meeshaa waraanaa nama tokkoo fudhatanii miliqaniin lammiileen nagaan naannicha jiraatanirra miidhaan qaqqabuu obbo Gaashuun himaniiru.

Lubbuu lammiilee darbeef gadda isaani ibsuun namoota ka’umsa balaa kanaa ta’anii fi kanneen biroo gocha kana keessatti hirmaataan seeraatti dhiyeessuf raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa fi qaamoolee naannoo waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.