Fana: At a Speed of Life!

Gosti Covid -19 Hinditti muudate addunyaaf sodaadha – Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Gosti Covid -19 Hinditti muudate addunyaaf sodaa ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise.
Gosti vaayrasii koroonaa B.1.617 jedhamu vaayrasii kaan caalaa haala salphaan kan daddarbu ta’uu Qorannoon gaggeeffame eereera.
Vaayrasichi hanga ammaatti biyyoota 30 keessatti babal’achuu dhaabbatichi beeksiiseera.
Gosoota Vaayrasii koroonaa Ingiliz, Afrikaa Kibbaa fi Biraaziilitti muul’ataniin moggaasni maqaa walfakkaatu laatameera.
Hinditti yeroo ammaa lubbuu namoota hedduu galaafachaa kan jiru isa ta’uu fi dhabuu qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 22 fi kuma dhibba 9 ol vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 2 fi kuma 50 olii darbuu himameera.
Maddi:- BBC fi Worldomeetirs
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.