Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni 28 Taanzaniyaa irraa gara biyya isaanitti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2013 (FBC) –Dargaggoonni 28 Taanzaniyaa irraa gara biyya isaanitti deebi’aniiru.

Dargaggoonni 28 karaa seeraan alaa gara Afrikaa Kibbaatti imaluuf osoo daangaa Taanzaniyaa ce’aa jirani poolisii biyyattin to’atamuun gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.

Mootummaan Taanzaniyaa namoota umriin isaanii xiqqaa ta’ee hidhuun waan hin danda’amnef, hatattamaan gara biyya isaaniitti akka deebi’an gaaffii Imbaasiin Ityoophiyaa gaafaten haalli mijaa’un dursii kennamefi kan deebi’an ta’uu ibsameera.

Yeroo ammaa lammileen hedduun mana sirreessaa Taanzaniyaa keessatti hidhamani kan jiran ta’uufi lammiile kanneen gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Daaree Salaamitti argamuu irraa argamee ni mul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.