Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa kadhataa fi soomanaan uumaa araarfachuu fi dhibee vaayrasii koroonaa dandamachuuf waamicha dabarsan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa kadhataa fi soomanaan uumaa araarfachuu fi dhibee vaayrasii koroonaa dandamachuuf ummataaf waamicha dabarsan.
 
Abbootiin amantaa Waldaa Ortodooksii, Islaamaa fi Prooteestaantii ibsa miidiyaaf kennaniin, waltaanee yoo kadhanne uumaan balaa dhibeen vaayrasii koronaa addunyaarratti aggaame jalaa nu baraara jechuun ergaa dabarsaniiru.
 
Abboottan amantaa kunneen waliif araara gochuu, dhiifama lallabuu fi waan qabnuun walbira dhaabbannee yeroo rakkoo kana darbuu qabna jedhan.
 
Murtii ittisaa fi to’annoo dhibee vaayrasii koroonaa akka mootummaatti darbuu fi gorsa ogeeyyii fayyaa sirnaan hordofuun hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu cimsanii akeekkachiisaniiru.
 
Vaayrasichi biyyoota diinagdeen guddatanis ta’e, humnaa fi beekumsaan gahumsa qabu jedhamanii ilaalaman hunda dadhabsiisaa fi yaaddessaa kan jiru waan ta’eef, ummanni dagannaa fi maal dhibdee dhiisuun of eeggannoo akka godhu dhaamaniiru.
 
 
Odeeffannoo dabalataa BDhKMNO
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.