Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa guyyaan hoomaan awwaannisaa 2-3 gara Ityoophiyaa seenaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Guyyaa guyyaan hoomaan awwaannisaa 2-3 gara Ityoophiyaa seenaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa Ityoophiyaa beeksise.

Hoomaan awwaannisaa Yeeman, Soomaalee Laandii fi Soomaaliyaan gara Ityoophiyaa gala ture hir’isaa dhufus, yeroo ammaa kan Keeniyaarraa biyyattii seenaa jiru dabalaa jira jedhame.

Hoomaan kun karaa Booranaa, Gujii fi Oomoo Kibbaan seenaa jiraachuu Ministir deettaan Ministeera Qonnaa FDRI turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeetii waliin taasisaniin himaniiru.

Dabalataan Arsii, Jimmaa, Walaayitaa, Daawuroo fi Gaambeelaatti hoomaan awwaannisaa kun mula’achaa jira jedhan.

Inni karaa Keeniyaa seenaa jiru oomisha jallisii fi arfaasarra miidhaa geessisuu akka danda’u himaniiru.

Hanga ammaatti misooma jallisiirra miidhaan geessise kan hin jirre ta’us, qonna arfaasaa Kibba Koonsoo fi naannoo Daraasheerra miidhaa qaqqabsiisaa jira jedhan.

Weerarri kun qabeenya qilleensaa bu’ura godhatee waan socho’uuf hanga baatii Hagayyaa bara 2012tti itti fufuu akka danda’u ibsameera.

Akka ragaan qorannoo ogeeyyiin jalqabaa damichaa gaggeessan muul’isutti, Kibba Baha Tigraay, Baha Amaaraa, Harargee Bahaa, Dirree Daawaa fi Soomaaleetti miidhaa geessiseera jedhame.

Hoomaa kana ittisuuf keemikaalli farra awwaannisaa liitirri kumni dhibbi 3 ol ni barbaachisa jedhame.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.