Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa ‘Sagantaa Nyaataa Manneen Barnootaa’ ilaalchisuun muuxannoo waljijjiirraan gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC)-Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen guyyaa ‘Sagantaa Nyaataa Manneen Barnootaa’ ilaalchisuun qaamolee garaagaraaf muuxannoo qoodan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, hoggantoonni Sagantaa Nyaata Addunyaa, Ministiroonni Barnootaa Afriikaa, bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa akkasumas, ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa giddugala nyaachisa Mana Barnootaa Tasfaa Birhaanii fi Mana barnootaa sadarkaa 1ffaa Maqdalaatti muuxannoo qooddataniiru.

“Hojii gaarummaa kana wayita eegallu dandeetti keessoo keenyatti amannee turre; kanaanis nuti walii keenyaaf ifa ta’uu akka dandeenyu argisiisneerra. Hojii gaariin hojjennees firii argamsiiseera” jedhan.

Daandiin eegalames qajeelaa ta’uu kaasuun ba’aa jireenyaa ummataa salphisuu fi badhaadhina mirkaneessuuf carraaqquu kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.