Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan galmee waldaalee mana jireenyaa guyyoota dabalataa 10f dheerate

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Guyyaan galmee waldaalee mana jireenyaa guyyoota dabalataa 10f dheerachuu Biiroon Misooma Manneenii fi Bulchiinsaa magaalaa Finfinnee beeksiise.
Galmeen itti fufiinsaan guyyoota 15 gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa xummuramuu biirichi beeksiseera.
Yaa ta’uutii sababoota garaagaraan namoonni hin galmoofne gaaffii dhiyeessaniin har’aa eegalee guyyoota itti aanan 10niif dheerachuu ibseera.
Guyyoota 15 darban keessaa namoonni kumni 8 fi 500 ol galmaa’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Namoonni sababoota garaagaraan hanga ammaatti hin galmoofne hanga Eebila 15, 2013 karaa marsariitii Biiriichaa WWW.aahdab.gov.et kallattiin galmaa’uu ni danda’u jedhameera.
Jiraattoonni buleeyyiin bara 2005 sagantaa 20/80 fi 40/60 galmaa’anii buusii adda hin kunne,waldaan gurmaa’uuf fedhii fi humna qaban, waldaan erga gurmaa’anii tokkoon tokkoo isaanii baasii ijaarsichaaf barbaachisu % 70 qusachuuf dandeettii qaban kallattiin galmaa’uu kan danda’an ta’uu biirichi himeera.
Ijaarsi Sagantaa misooma manneenii 20/80 fi 40/60 buleeyyii fi idileen haaluma barameen kan itti fufu ta’u ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.