Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Turizimii addunyaa magaalaa Asoosaatti kabajama jira

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC) – Guyyaan Turizimii Addunyaa sadarkaa biyyaalessaatti yeroo 35ffaaf mata dura” yaadama haaraa Tuuriziimiif “jedhuun magaalaa Asoosaatti kabajama jira.

Guyyichi yeroo 35ffaaf kan kabajamu yoo ta’uu, mata duree ‘yaadama haaraa Turizimiif’ jedhuun Naannoo Beenishaanguul Gumuz magaalaa Asoosaatti haala hoo’aa ta’een kabajama jira.

Ayyaanichi qophiilee garaagaraan kabajama kan jiru yoo ta’u, Ministira Ministeera Turizimii Ambaasaaddaar Naasiisee Caalii dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa, naannolee fi keessummoonni kabajaa bakka argamaanitti kabajamaa jiraachuu ibsameera.

Guyyaan tuuriziimii akka biyyaatti Naannoa Beenishaanguul Gumuzitti kabajamuun isaa hidha guddichaa Ityoophiyaa giddugala Tuurizimii gochuuf qooda olaana akka qabaachuu eeraamera.

Masaafint Iyyaayuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.