Fana: At a Speed of Life!

Haadha waggoottan 38’f daa’ima ishee dhibamtu waliin turte

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) – Haati gammachuu ofii caalaa waa’ee daa’ima isheef gatii kaffalti.

Daa’ima isheef jecha lubbuu ofii wareegdis.

Kutaalee addunyaa garaagaraatti gatiin haati daa’ima isheef kaffaltu waan jechaan ibsamu caala.

Seenaan haadha tibbana daa’ima isheef wareegama kaffaluun galmee dinqisiisoo addunyaarratti galmaa’es dhugaa kana kan mirkaneessuudha.

Lammiin Ameerikaa Eediwaardi Obaaraa jedhamtu guddattuun umrii waggaa 16 bara Faranjootaa 1969 dhibee daranyoo Sombaan qabamuun gara Hospitaalaa geeffamtus dhibichaarraa dandamachuu hin dandeenye.

Dhiphuu kana keessa ta’uun haadha ishee ija keessa ilaalaa ‘haadha koo nabiraa hin fagaatiin’ jechuun gaafatti.

Haatis ‘gonkuma sibiraa hin fagaadhu’ jechuun waadaa galteefii turte.

Eediwaardi dhibichaan morma walqabaa falmii waggoota 42 booda lubbuun ishee darbe.

Waggoota kana keessatti haati Eediwaardi siree isheen irra ciifteerraa osoo hin fagaatiin waan dandeessu hundaan kunuunsaa turteerti.

Daqiiqaa 90 caalaa raftee kan hin beekne haati ishee muuziqaa, kitaabilee dubbisuu fi seenaa adda addaa isheef himaa waggoota 38 waliin dabarsiteerti.

Dhamaatii fi dadhabbii hedduun booda dhibee Onneen lubbuun ishee darbeera.

Dhalattee umrii waggaa 81ffaa isheetti bara 2008 addunyaa kanarraa du’aan boqotteerti.

Erga isheen lubbuun dabartee booda obboleettiin ishee Eediwaardi waggoota 4’f kunuunsiteerti.

Eediwaardi Haati ishee duutee waggaa 4 booda falmii waggoota 42’f taasiifteen moo’amuun umrii waggaa 59ffaa isheetti du’aan addunyaa kanarraa boqotteerti.

Sababa kanaan addunyaarratti nama dhukkubbii cimaan waggaa dheeraaf turte jedhamuun galmee dinqisiisoo addunyaarratti galmoofteerti.

Dooktar Weeyin Daayer Maarseellan Daayer waliin ta’uun kitaaba mata duree “A Promise Is A Promise: Unbelievable Story of a Mother’s Unconditional Love and What It can Teach Us’’ jedhuun barreessan keessatti Seenaa Eediwaardi katabaniiru.

Taateen kun Seenaa shiraa yookaa asoosama jaalalaaf barreeffame miti, jaalala dhugaa fi cichoomina haadhaa kan agarsiise jedhuun barreessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.