Fana: At a Speed of Life!

Haati tokko daa’imman 4 deesse

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Jiraattuu Aanaa Haramaayaa kan ta’an Aadde Maariyaa Mahaammad yeroo tokkotti daa’imman afur dahuun eerame.

Aadde Maariyaa Mahaammad eda galgala tajaajila baqaqasanii wal’aanuun daa’imman 4 dhiira lama fi dhalaa lama Hospitaalaa Haramaayaattii da’uun eerameera.

Daayrektarri Meedikaalaa Hospitaala Haramaayaa Dooktar Solomoon Taammiraat, haati daa’immaan kanneenii tajaajila baqaqsanii wal’aanuun kan deesse ta’uu eeruun, Daa’imaan dhalatan kunneen ulfaatina kiiloogiraama 1.4 hanga 1.6 kan qaban ta’uu ibsuuniiru.

Yeroo ammaas daa’immaan dhalatan fayyummaa gaariirratti akka argaman ibsaniiru.

Kanaan duras Hospitaalichatti haatii tokko daa’immaan afur dahuus yaadachiisaniiru.

Yuusuuf Juhaarii fi Tashoomaa Haayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.