Fana: At a Speed of Life!

Haroon Wancii naannawaa Tuurizimi ta’uun filatame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Tuurizimii Adduunyyaa 24ffaa magaalaa Ispeen, Maadriidittii taa’aamerratti Haroon Wancii, naannawaa tuurizimii bara 2021 filatamaa ta’uun filatameera.

Harichi mandaroota tuurizimii 170 keessaa dursaa qabachuun filatamuu ifoomeera.

Haroon Wancii, naannawaa tuurizimi filatamaa ta’uun kan filatame qabeenya uumamaa hedduu waan of keessaa qabuuf ta’uu Ministirri Ministeera Tuurizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii himaniiru.

Haroon Wancii, Mandara Tuurizimi ta’uun filatamuusaan baga gammaddan kan jedhan Ambaassadar Naasiseen, qabeenya uumamaa naannichaa kunuunsuun sadarkaa kana irra akka ga’u kan taasisan jiraattota naannichaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf galata dhiyeessaniiru.

Qabeenya uumamichaaf beekamtii idil-addunyaa akka kanaa  kennamuunsaa kanneen biroof fakkeenya akka ta’uu fi kana caalaatti hojjechuuf kan kakaasu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan dameelee xiyyeeffannoo olaanaa irratti kenne keessaa tokko damee tuurizimii ta’uu himaniiru.

Maddi :- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.