Fana: At a Speed of Life!

Hindi Rooba cimaa bubbee makeen rukatamuuf jedhame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaan haalan kan miidhamte Hindi Rooba cimaa bubbee makateeen rukatamuuf ta’uu himame.
Roobni Cimaan bubbee makate kun Lixa biyyattii rukutuu danda’a yaaddoo jedhuun mootummaan Hindi gamanumaan qophii taasiisuu eegaluu ibsameera.
Balaan uumamaa akka kanaa Hindi erga muudate waggoota 23 lakkoofsisuu himameera.
Roobni Cimaan Bubbee makate ‘Taa’uuktaa’ii’ jedhamu bulchiinsa lixa biyyattiitti muudate guyyoota lamaan darban keessa lubbuu namoota 6 galaafachuu dubbatameera.
Sababa balichaan Dooniwwan namoota 400 ol fe’anii galaanarratti hafan barbaachii fi hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jiraachuus himameera.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.