Fana: At a Speed of Life!

Hoggansa jijjiirrama eegalame itti fufsiisu ga’oomsuuf hojjetamaa jiraachuu Paartiin Badhaadhinaa beeksise

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) – Hoggansa jijjiirrama eegalame itti fufsiisu ga’oomsuuf hojjetamaa jiraachuu Paartiin Badhaadhinaa beeksise.

Leenjiin hoggansi paartichaa sadarkaa sadarkaan jiran kuma 2 ta’an kan irratti hirmaatan har’aa eegalee magaalaa Adaamaatti ni gaggeeffama.

Riifoormii eegalame galmaan ga’uuf hojjetamaa jiraachuu paartichatti qindeessaan damee ijaarsa demokraasii, qunnamtii ummataa fi addunyaa obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Kaayyon leenjichaa sadarkaa biyyattiin irra jirtu sirnaan hubachiisuun, jijjiirrama eegalame itti fufsiisuuf hoggansa ga’umsa qabu horachuudha.

Waltajjichi kallattii gara fuuladuraa, nageenya, kaayyoo fi sagantaa paartichaarratti kan xiyyeeffatudha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.