Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Somaaliyaa yeroo dheeraa booda adeemsa Filannoorratti waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Mahaamadii fi Muummeen Ministiraa Biyyattii Mahaammad Huseen Roobilii yeroo dheeraa booda adeemsa filannoorratti waliigaluu ibsameera.
Somaaliyaan baatii kana Preezdaantii haaraa filachuuf karoora qabaattus sababa waldhabdee hoggantoota lamaan gidduutti uumam adeemsichi gufachuu himameera.
Ejansii Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessa biyyattii qaama hogganuu qaburratti waliigaluu dhabuun adeemsi filannichaa gufachuu eerameera.
Dhaabbaticha akka dursabniif hoggantoonni lamaan kaadhimatoota mataa isaanii dhiyeeffatanii turan.
Yeroo ammaa kaadhimamaan Preezdaantichi dhiyeessaan Ministira, kan Muummee Ministirichaa dhiyeessan ammoo Ministir Deetaa ta’uun akka dursaniif waliigaluu isaanii himameera.
Hoggantoonni kunneen ibsa waloon laataniin torbee lamaan dhufu keessatti naannoleen filannoo mana maree akka eegalan waliin galaniiru.
Biyyattiin baatii lama keessatti Preezdaantii ni filattiin eegama jedhame.
Paarlaamaan biyyattis adeemsa filannoo bifa haaraan ni fooyyessaan kan eegamu ta’uu himameera.
Maddi:-Al Jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.