Fana: At a Speed of Life!

Hojii saatalaayiti ETRSS-1 to’achuu fi odeeffannoo walitti qabu lammiilee Ityoophiyaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Hojii saatalaayiti ETRSS-1 to’achuu fi odeeffannoo walitti qabu lammiilee Ityoophiyaan gaggeeffamaa jirachuu ibsame.

Ogeessoonni Ityoophiyaa of danda’anni hojii saatalaayitii ETRSS-1 to’achuu fi odeeffannoo walitti qabu hojjechaa jiraachuu Institiyuutiin Spees Saayinsii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa ibse.

Daayrekatarri Olaanaan Institiyuutiin Spees Saayinsii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa Dooktar Salamoon Balaay akka ibsanitti ogeessooni Ityoophiyaa dandeettiin isaanii akka guddatuuf ogeessoota Chaayinaan deeggarsi ta’aafi jira jedhan.

Chaayinaan damichaan ogeessoota Ityoophiyaaf yeroo garagaraatti leenjii akka argatan taasisaniiru.

Dooktar Salamoon saatalaayitiin dabalataa Ityoophiyaa akka barbaachisu yoo dubbatan saatalaayitii kominikeeshinii dabalatee saatalayitoota biroo gara hawaatti erguuf hojjetamaa jiraachu ibsaniiru.

Waggaa sadi booddee Ityoophiyaan waggaan saatalaayitii tokko gara hawaatti erguuf karoorri jiraachu himaniiru

Mooggaasni “ETRSS-1” jedhu kan kennameef Ityoophiyaa yeroo jalqabaaf Muddee 10, 2012 saatalaayitii gara hawaatti erguun ishee ni yaadatama.

Guddina biyyaa keessatti ga’ee olaanaa ni taphattis jedhameera.

Jijjiirrama qabeenya qilleensaa to’achuu, qorannoo fi qo’annaa qonnaa gaggeessuu, hojiilee bu’uuraalee misooamaa hojjechuuf ni gargaarti jedhameera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.