Fana: At a Speed of Life!

Hojiin bu’aa sagalee naannolee filannoorraa walitti qabamanii ida’uu hojjetamaa jira – Boordii Filannoo

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Hojiin Bu’aa sagalee naannolee filannoorra walitti qabamanii ida’uu hojjetamaa jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiise.
Yaa’uutii bu’aan sagalee naannoo Amaaraa Diil Yibizaa buufataalee filannoo 11, buufata filannoo naannoo Afaar Dolloo irraa hanga ammaatti kan hin qaqqabne ta’uu ibseera.
Naannoo Sidaamaa Arbeeggoo fi buufataalee muraasarraa gara naannoo Filannoo kan hin geenya ta’uu himameera.
Bu’aan sagalee naannolee filannoo murasaa kan ifoome ta’uu eereera.
Akka seera filannootti bu’aan sagalee naannoo filannoo guyyoota 5 keessatti kan ifoomu ta’uu Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhaksaan ibsaniiru.
Bu’aan sagalee naannolee filannoo yeroo ka’ame keessatti kan ifoomu ta’uus himaniiru.
Taajjabdoonni filannoo gabaasa isaanii ifoomsuu eeruun , hojiin hojjetan kan galateeffamu ta’uu himaniiru.
Filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessarratti hirmaannaan tajjabdoota biyya keessa olaanaa kan ture ta’uu himaniiru.
Naannoo Oromiyaa Nagalleetti hanqinni uumamee ture.
Sababa kanaan filannoo akka hin gaggeeffamne murtaa’ee ture.
Yaa ta’uutii buufataalee 100 irratti sagaleen laatameera.
Sagaleen laatame hundi kan haqamu ta’uu ibsaniiru.
Qaamoleen murtoo boordichaa darbuun sagaleen akka laatamu taasiisan seeraan gaafatmu jedhan.
Afawarq Iyyaayyuu fi Layikun Alamtu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.