Fana: At a Speed of Life!

Hoomaan Awwaanisaa aanaa Minjaar Shankoraatti muudatee oomisha lafa hektaara kuma 12 irra ture barbadeesse

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (FBC) – Hoomaan Awwaanisaa Shawaa Kaabaa aanaa Minjaar Shankoraatti muudatee oomisha lafa hektaara kuma 12 irra ture barbadeessuu ibsame.
 
Aanichatti oomisha midhaanii lafa hektaara kuma 48 fi 700 irra ture keessaa Hoomaan Awwaannisaa oomisha lafa hektaara kuma 12 barbadeessuu ibsameera.
 
Hoomaan Awwaannisa Gammoojjii kun gandoota aanichaa 13 keessatti oomisha ga’e barbadeessuu himameera.
 
Aanichatti gandoota garaagaraatti Xaafii misoome keessaa % 95 barbadaa’uu ibsameera.
 
Weerarichi Fulbaana 27, 2013 aanichatti muul’atus Onkololeessa 5, 2013 irraa eegalee miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu himameera.
 
Weerarri kun miidhaa hammaataa osoo hin geessisin ittisuuf mala aadaa fi ammayyaan hojjetamaa jiraachuu himameera.

Hoomaan Awwaannisaa godina Shawaa Bahaa Aanaalee Lumee, Boosat, aanaa Adamaa fi Fantaalleetti muudate ittisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuus ibsameera.

 

Tsaggaayee Niguseetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.