Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalichi Sanbataa fi Dilbataa tajaajila yaala ijaa bilisaan daa’immaaniif kan laatu ta’uu beeksise

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)- Koolleejjiin Fayyaa Barkumee Hospitaala Qidduus Phaawuloos Sanbataa fi Dilbataa walitti fufiinsaa guyyoota lamaaf tajaajila yaala ijaa bilisaan daa’immaaniif kan laatu ta’uu beeksiseera.
 
Tajaajila yaala kanaan qoricha, manatsarii yaalaa fi daa’immaan baqaqsanii yaaluun fayyuu hin dandeenyeef akka laatamuu ibseera.
 
Qaroo dhabuu fi rakkoo ilaalchaa ittisuuf qorannoowwan garaagaraa qopha’eera.
 
Maatii fi guddiftoonni daa’immaan qorannoo ijaa kaminiyyuu taasisaanii hin beeknee ykn rakkoo ijaa qabatanii yaala hin argannee akka yaalchisan waamicha dhiyeesseera.
 
Qorannichi rakkoo ijaa, qaroo dhabuu akkasumaas ilaalchaa daa’immanii sirreessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.
 
Sagantaan kun daa’imman yaala argatanii fi kunuunsii taasifamaafi turee akka hin ilaallannee ragaan Koolleejjiin Fayyaa Barkumee Hospitaala Qidduus Phaawloos irra argamee ni muul’dhisa.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.