Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa naamusaa fi miira jaalala biyyaa kan nu dhaalchiseedha-Miseensota Duraanii

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC)- Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata naamusa gaarii fi miira jaalala biyyaa nu dhaalchisuun biyyaaf akka jiraannu bu’uuraa nuuf ta’eedha jechuun Miseensonni Duraanii Humna Qilleenssaa Itiyoophiyaa dubbatan.

Pireezidantiin Waldaa Soorama Baatotaa Humna Qilleensaa Koloneel Yaareed Shifarraan bara 1977 humnichatti kan makaman ta’uu dubbatu.

Akkasumaas Miseensi Waldichaa fi OgeessiTeekinikaa Yohaannis Asaaniin, bara Mooticha Haayilasillaasee hanga Mootummaa Dargiitti ogummaa teekinika balalii fi kanneen biroon tajaajilaniiru.

Ogeeyyiin lameen soorama bahanii kan jiran yoo ta’u, jijjiiramni sirnaa wayita taasifamu dhaabbaticha akka lakkisan taasifamuu eeran.

Waggoota sagal booda wayita waraanaa Itiyoo-Ertiraa, deebi’uun dhaabbaticha gurmeessuun injifannoon akka galmaa’uuf ogeeyyiii taasisan keessaati.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hundeeffamarraa eegalee hojmaata ammayyaa’aan kan hundaa’e ta’uu ibsanii, Naannoo Qilleensaa Itiyoophiyaa eegsisuu fi humna lafoo tumsuun tajaajilaa turuu ibsaniiru.

Humnaa Qilleensaa yaadama Itiyoophiyummaa kan gonfatan, dhaabbata jaalala biyyaaf hojjetuu fi jiraatu akka ta’e eeruun, dhaabbaticha tajaajiluutti kan boonan ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbatichi barattoota biratti akka ilma tokkichaatti kan ilaalamuu ta’uu ibsanii, har’as teeknooloojiiwwan ammayyaa’oo hidhachuun kan itti fufeedha jedha.

Miseensonni duraanii Humna Qilleensaa kunneen jaalala dhaabbatichaaf qabanirraa ka’uun yeroo mara akka humna dilbiitti of ilaaluun, har’as beekumsaa fi muuxannoo isaaniin kan tumsan ta’uu kaasuu Tajaajilli Oduu Itiyoophyaa gabaaseera.

Waldaan isaaniis Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.