Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni mormituu Sudaan Kibbaa mootummaa biyyaalessaa tokkummaa hundeessuf walii galan

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Humnoonni mormituu Sudaan Kibbaa mootummaa biyyaalessaa tokkummaa hundeessuf walii galan.

Gaggeessan garee finciltootaa Sudaan Kibbaa Riikaa Maachaar mootumma biyyaalessaa tokkummaa hundeessuf preezdaantii biyyatti Saalvaa Kiir waliin waliigaluu isaani beeksisaan.

Maachaar dhimmicha ilaalchisuun ibsa har’a laataniin Saalvaa Kiir waliin dhimmoota mootummaa biyyaalessaa tokkummaa hundeessuf nu dandeessisurratti waliigalleera jedhaniiru.

Preezdaanti Saalvaa Kiir gama isaaniin mootummaa biyyaalessaa tokkummaa hundeessuuf waliigaluun isaani dhugaa akka ta’e mirkaneessaniiru.

Baatii Faranjootaa Gurraandhala 22 fuuldura keenyaa kanatti mootummaa biyyaalessaa tokkummaa ni hundeessu jedhameet eegama.

Humnoonni mormiituu Sudaan Kibbaa bara Faranjoota 2018 biyyattiitti nageenya waaraa buusuu kan dandeessisu mootummaa ce’uumsa hundeessuf waliigaluun isaanii ni yaadatama.

Haata’uti humnoonni kun sababoota garagaraa kaa’uun adeemsa hundeeffama mootummaa ce’uumsa dheeressaa turuun isaanis ni yaadatama.

Maddi:- CGTN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.