Fana: At a Speed of Life!

Humnoota farreen nageenyaa seeratti dhiyeessuu fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjechaan jira -Koomiishinii Poolisii Oromiyaa

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2012 (FBC) – Ummata waliin ta’uudhan humnoota farreen nageenyaa adamsee seeratti dhiyeessuu fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjechaan jira jedhe Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa ibsa baasen.

Koomiishiniin Poolisii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsa baasen, humni nageenyaa aggaammii humnoota badii maseensuudhaan nageenyaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf boqonnaa malee hojjechuuf murteesseera jedheera.

Akka naannoo fi biyyaatti jijjiirama rog-daneessa keessummeessuu erga eegallee waggoottan lama lakkoofsifneerra kan jedhe koomiishinichi, yeroo kana keessatti riifoormiiwwan akka naannoo fi biyyaatti hojiirra oolan keessaa riifoormiin seektera nageenyaa isa ijoo dha jechuun ibseera.

Lammiileen bilisaan akka yaadan, ejjennoo fi ilaalcha qaban karaa nagaa akka tarkaanfachiisanii fi mirga dhuunfaa fi garee isaanii karaa demokraatawa ta’een akka mirkaneeffataniif hojiin akka mootummaatti hojjetame seektara nageenyaa keessatti jijjiirama ol’aanaa fideera jedheera.

Bu’aa riifoormii seektara nageenyaa keesssatti taasifameen caasaan nageenyaa kanaan dura ummata biratti akka diinaatti ilaalamaa ture, yeroo ammaa miiltoo gaarii jiruu fi jireenya ummataa guyyaa gara guyyaa ta’ee jira.

Nageennya ummataa fi biyyaa mirkaneessuun cinaatti, balaawwan uumamaa fi nam-tolchee to’achuuf sochii taasifamu keessatti ummata bira dhaabbachuudhaan jaalala horachuurras ga’eeran ibseera.

Haa ta’u malee, boqonnaa jijjiiramaa kana keessatti humni nageenyaa sochii mootummaan dirree demokraasii bal’isuu fi biliisummaa lammiilee mirkaneessuuf taasisaa jiru tumsuuf aarsaa hedduu kaffalaa tureera, hanga har’aattis kaffalaa jira jedheera koomiishinichi.

Humni maqaa ABO Shanee, waraana bilisummaa Oromoo (WBO) fi abbaa torbeetiin of waamu faallaa jijjiiramaa dhaabbachuudhan naannoo Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti hoggansa mootummaa, lammiilee nagaa fi hawaasa bal’aa irratti gocha ajjeechaa, miidhaa qaamaa, suukanneessuu, saamicha qabeenyaa fi burjaajessuu raawwachaa turaniiru jedheera Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa.

Keessattuu, ajjeechaa fi gocha hammeenyaa lammiileerratti geggeessaa tureen miidhaa qaamoleen kunneen hanga har’aatti geessisan ol’aanaa ta’us, kaayyoo dirree demokraasii bal’isuu akka mootummaatti qabame tumsuuf obsa qaamoleen nageenyaa agarsiisan guddaa, aarsaan kaffalanis ol’aanaadha jedhe.

Haleellaan bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti namoota afur irratti raawwatames, humna ABO Shaneetiin hogganamuu fi maqaa Waraana Biliisummaa fi Abbaa Torbeetiin of waamu ta’uunsaa mirkanaa’eera jedheera.

Miidhaa qaqqabe kanaan, Koomiishinar Solomoon Taaddasaa- itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu battalumatti kan du’an yammuu ta’u, Koomaandar Tasfaayee Dinquu- Ajajaa Poolisii Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Artiist Dajanee Kaasaayee fi ogeessi Waajjira Carraa Hojii Uumuu Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu Obbo Dameen madaa’anii yaalamuurratti argamu jedheera koomiishinichi.

Poolisiin naannichaa dirree demokraasii bal’isuuf hanga har’aatti obsi agarsiise guddaadha jedhee, haa ta’u malee, obsa hanga har’aatti agarsiisen miidhaan qaqqabaa jiru daran hammaataa waan deemee fi ummata bal’aas waan nuffisiisef dhimmi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu dhimma yeroon gaafatu ta’eera jedheera.

Kanaafuu, poolisiin naannichaa ummata bal’aa waliin ta’uudhaan humnoota farreen nageenyaa adamsee seeratti dhiyeessuu fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf murteessera jedheera koomiishinichi.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.