Fana: At a Speed of Life!

Idaan alaa %30.6 irra garaa %24.4tti hir’isuun danda’ameera-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 19, 2015 (FBC)- Idaan biyyaa alaa %30.6 irraa gara %24.4tti hir’isuun akka danda’ame Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad raawwii damee dinagdee ilaalchisuun ibsa Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniiru.

Galii Mootummaa ilaalchisuun akka ibsanitti, galiin taaksii qulqulluu Birrii biiliyoona 210 akka argame fi kunis %27 akka guddate, taaksii reetti oomishaa waliigalaan garuu gadaanaadha.

Baasiin mootummaa garuu baatiiwwan torban darban Birrii biiliyoona 376 akka ta’ee fi kunis galiin yoo walbira qabamu galii argame akka caalu ibsan.

Baasiin galii caalaa %31 akka guddatee himan Muummeen Ministiraa, kunis baasii fi galiin hojiilee bal’aa akka gaafatu, galii guddisuun akka barbaachisuu kan akeekuu ta’uu ibsan.

Daldala Alergee ilaalchisuun ibsa kennaniin Galiin Alergeerraa argame kan bara darbee fooyya’aa ta’uus kan baranaa hir’inaa argisiisuu dubbataniiru.

Kunis sababa kontirobaandii Warqee fi Jimaan ta’uu eeran.

Kontirobaandii ittisuuf humnoonni nageenyaa naannawaa qabeenyi heddummaatutti qubsiifamuu kan himanii kunis baatiiwwan muraasa booda jijjiirama ni fidaan akka eegamu eeraniiru.

Invastimantiin alaarraa baatiiwwan saddeettan darbaan Doolaarri biiliyoona 2.2 argamuu himaniiru.

Damechi rakkoolee hedduu qabaatullee abdii kan kennuudha jedhaniiru.

Daldalaa fichisiisarra Doolaara biiliyoona 9.1 galchuun akka danda’mee fi kunis kan bara darbeerraa guddina %6.5 akka qabu himaniiru.

Oomishaalee galfaman keessaa %49 kan qooddatu boba’aa ta’uu kan himan Muummeen Ministiraa, qusannaan boba’aa amaleeffatamuu akka qabu himaniiru.

Oomishaalee alarraa galfaman keessaaa meeshaleen kaappitaalaa %27, meeshaalee dheedhiin %11 kan qooddatan ta’uu ibsaniiru.

Liqiin ilaalchisuun ibsa kennanniin Ityoophiyaan yeroo jijjiiraama idaan oomishaa waliigalaa %59 irra ture gara %52tti hir’achuu ibsaniiru.

Keesumaa idaan biyyaa alaa %30.6 irraa gara %24.4tti hir’isuun danda’ameera jedhan.

Ammallee idaa hir’isuurratti hojiilee bal’aan akka hojjetamu qaban kan akeekuu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.