Fana: At a Speed of Life!

Iddoon ijaarsa Paarkii Industirii magaalaa Waraabee filatame

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Paarkii Industirii magaalaa Waraabee baasii doolaara miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona 53 ijaaramuuf iddoon ijaarsa filatame.

Paarkichi lafa heektaara 300 irratti kan ijaaramu yoo ta’u, hojii ijaarsaa dhaabbata Chaayinaa YT jedhamuun akka raawwatu waajjirri invastimantii godinichaa beeksiseera.

Ijaarsichi si’a xumuramutti jiraattoota naannichaa kuma 20 oliif carraa hojii ni uuma jedhamet eegama.

Sirna iddoo ijaarsa filachuu kanarratti hoji gaggeessitoonni dhaabbatichaa, bulchaa godina Silxee obbo Alii Kadiir fi hoggantoonni hojii mootummaa godinachaa argamaniiru.

Paarkichi damee huuccuu, sibiilaa, nyaataa fi bu’aalee nyaataa akkasumaas dameewwaan biroorratti akka bobba’u hoji gaggeessan dhaabbatichaa himaniiru.

Bulchaan godina Silxee obbo Alii Kadiir gama isaaniin paarkichi ijaaramuun magaalaa Waraabee akkasumaas guddina diinaagdee godinicha irratti faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.