Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa bu’uuraalee misooma jallisii naannolee 3 eegalchiisuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Sidaamaatti Ijaarsa bu’uuraalee misooma jallisii eegalchiisuuf waliigalteen mallattaa’eera.

Dhaabbilee ijaarsaa biyya keessaa 4 waliin waliigalteen kun mallattaa’uu eerameera.

Ministeerri Jallisii fi naannawaa Gammoojjii dhaabbilee kanneen waliin waliigaltee mallatteessuu himameera.

Ijaarsa piroojektichaa Birrii biiliyoona 4.5 kan ijaaramu ta’u Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Birhaanuu Leenjisoon himaniiru.

Piroojektichi lammiilee kuma 2 oliif carraa hojii kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Piroojektiin Deeggarsa Baankii Misoomaa Afrikaan ijaaramu kun lafa hektaara kuma 10 misoomsuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.