Fana: At a Speed of Life!

‘Ijaarsa nageenya biyyaalessaarratti ilaalcha qaamolee nageenya’ mata duree jedhuun mariin paanaalii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – ‘Ijaarsa nageenya biyyaalessaarratti ilaalcha qaamolee nageenya’ mata duree jedhuun mariin paanaalii gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Koolleejjiin Raayyaa Ittisaa Ministeera Nageenyaa fi Ministeera Dhimma Alaa waliin ta’uun ‘Ijaarsa nageenya biyyaalessaarratti ilaalcha qaamolee nageenya’ mata duree jedhuun marii paanaalii gaggeessaa jiru.
Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Qana’aa Yaadataa, Raayyaa Ittisa Biyyaatti qindeessaan olaanaan ijaarsa Raayaa Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee, Dubbiii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii dabalatee hoggantoonni Raayyaa Ittisaa olaanoon, hoggantoonni qaamolee nageenyaa naannolee, Hayyoonnii fi qooda fudhattoonni maricharratti hirmaataniiru.
Kaayyoon maricha qaamolee nageenyaa haala tarsiimoo waqtaawarratti hubannoo waloo akka qabaatanii fi Koolleejjiin Raayyaa Ittisaa dhimmoota Tarsiimoo nageenyaarratti dandeettii hunda galeessa akka dagaagsuu taasiisuuf ta’uu himameera.
Ijaarsa nageenyarratti ejjennoo waloo qabaachuun barbaachisaa ta’uu Ministiri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Qana’aa Yaadataan ibsuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.