Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi ‘Oroma Media Coplex’ dhibbantaa 33 irraa gahe

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) – Ijaarsi ‘Oroma Media Coplex’ dhibbantaa 33 irraa gahe

Handhuura Oromiyaa, Finfinnee, Boolee Dambal cinatti, iddoo seenaa Waddeessa jedhamutti ijaaramaa kan jiru ‘Oromia Media Complex’ raawwiin ijaarsasaa %33 irra gahuu Sadarkaa Preezdaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa fi Walitti qabaan Boordii OBN, Obbo Addisuu Araggaa ibsan.

Proojaktiin kun teknolojii miidiyaa ammayyaaf barbaachisu hunda karaa hammateen kan raawwatamaa jiru ta’ullee himaniiru.

Proojakticha ji’oota 12 keessatti xumuruuf torban guutuu sa’aatii 24:00 hojjetamaa jiras jedhan.

Koronaa ofirraa ittisaa hojjenna! Hojjechaa koronaa ofirraa Ittifnas jechuun Obbo Addisuun fuula feesbuukiisaaniirratti ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.