Fana: At a Speed of Life!

Imaamni Al Azihar Gibtsi hidha haaromsaa ilaalchisee ibsi laate haqa Ityoophiyaa kan sarbeedha – Muftii Hajii Umar Idiriis

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Imaamni Alaazar Gibtsi hidha haaromsaa ilaalchisee ibsi laate haqa Ityoophiyaa kan sarbe ta’uu Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Idiriis ibsan.
Tibbana Imaamni Dhaabbata Islaamummaa idil addunyaa Al Azihar Gibtsi Ahimad Xaayib Ityoophiyaan laga Abbayyaa qofaatti fayyadamuuf biyyoota yaa’ichaarra miidhaa qaqqabsiisuuf hojjechaa jirti jechuun dubbachuun isaanii kan yaadatamuudha.
Dubbichi dhugaarraa kan fagaatee fi fudhatama kan hin qabne ta’uu Preezdaantiin Mana Maree waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Idiriis dubbataniiru.
Ibsichi haqa Ityoophiyaa kan hin hubannee fi ejjennoo mootummaa kan hin ibsine ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaan yeroo kamiiyyuu Bishaan haala haqa qabeessa ta’een yaa fayyadamnu yaada jedhuun ejjennoo ishee ibsaa turuu dubbataniiru.
Sudaanii fi Gibtsi haqa kana qabachuun gara mariitti akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi Bishaan laga Abbayyaas yaa’ichis Afrikaa ta’uu isaaniin furmaanni isaas asuma jedhuun dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.