Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan hoji raawwachiistota baankii hunda waliin mar’atan

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan guyyaa har’aa hoji raawwachiistota baankii hunda waliin mar’ataniiru.

Tumsa baankotaa fi deeggarsa bulchiinsa magaalaa Finfinneetin bakki dhaabbii konkolaataa ammayyaa’aa fi giddugalli daldalaa qindaa’aan ijaaramuuf qophiirratti argama.

Giddugalichi dargaggoota hojii uumaan kan tajaajiludha jedhame.

Baankonni magaalaa Finfinneetti argaman hojiiwwan dargaggoota fayyadanirratti karoora qabatan hojiirra oolchuuf qophii jalqbaa taasisaa jiraachuun himameera.

Dabalataanis tajaajila galii gibiraa dabalatee tajaajiloonni Baankii Daldala Ityoophiyaa qofaan kennamaa turan, baankota hundatti akka raawwatamuuf qorannoon gaggeeffamaa jiru sadarkaa maalirra akka jiru mari’atameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.