Fana: At a Speed of Life!

Injinar Taakkalaa Uumaan godina Guraagee  magaalaa Bu’iitti warshaa Laaniiw Pileey Wuud Manuufaakchariing daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa fi Preezdaantiin naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaan godina Guraagee  magaalaa Bu’iitti warshaa mukaa Laaniiw Pileey Wuud Manuufaakchariing daawwatan.

Warshichi Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 74 kan hundeeffame yoo ta’u, Chiipuudii oomisha jiraachuu eerameera.

Warshichi yeroo ammaa namoota 162’f carraa hojii dhaabbii uumuu fi uummata magaalichaa ibsaa fi bishaan dhugaatii fayyadamoo taasisuu ibsameera.

Jilichi hojiilee misoomaa biro ni daawwatu jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.