Fana: At a Speed of Life!

‘IOM’ godaansarratti hojiilee Itiyoophiyaan hojjettuuf tumsa akka taasisu beeksise

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Godaantotaa Idil Addunyaa (IOM) hojiilee Itiyoophiyaan godaansaa idileen alaa ittisuu, eegumsaa fi deebisanii dandamachiisuu godaansaa deebitootaarratti hojjecha jirtuuf tumsaa akka taasisu beeksise.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaatti Daayrektara Naannawaa Raanaa Jaabar waliin mari’ataniiru.

Marichaan Dooktar Ergoggeen, Itiyoophiyaan godaansa idileen alaa ittisuu, eegumsaa fi deebisanii dandamachiisuu deebitootaarratti hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsan.

Keessumaa godansa idileen alaa ittisuuf Itiyoophiyaan biyyaa mijattu akka taatuuf mootummaan xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Lammiilee godaansaa deebi’an deebisanii dandamachiisuuf giddugaloota tajaajila waaraa kennaan babal’isuuf xiyyeeffannaan kennamuu akka qabu Dooktar Ergoggeen dubbataniiru.

Dabaltaan Ministeerichi Dhaabbata Godaansaa Idil Addunyaa waliin walta’iisaa fi qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbatichatti Dayrektarri Naannawaa Raanaa Jaabar gama isaaniin Itiyoophiyaatti godaansa idileen alaa ittisuu fi godaansaa deebitootaa deeggaruufi deebisanii dandamachiisuuf tattaaffii taasisaa jirtu dinqisiifatanii, dhaabbanni isaanii hojiilee Itiyoophiyaan eegumsaa fi deebisanii dandamachiisuu godaansaa deebitootarratti hojjettuuf tumsa barbaachisaa akka taasisuu mirkaneessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.