Fana: At a Speed of Life!

Iraanii fi Raashiyaan odeeffannoo wa’ee filannoo Ameerikaa argatanii jiru jechuun Waajjirri Tika Nageenya Biyyaalessa Ameerikaa FBI beeksise

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Iraanii fi Raashiyaan odeeffannoo wa’ee filannoo Ameerikaa argatanii jiru jechuun Waajjirri Tika Nageenya Biyyaalessa Ameerikaa FBI beeksise.

Daayrektarri Waajjiricha ‘Johon Raatkiliif’ akka jedhanitti Iraan karaa imeelii ergaa doorsisaa filattoota deeggartoota Paartii Diimokiraatotaatti ergitee jirti.

Kanaan walqabatee jeequmsa Ameerikaa keessatti Ka’uuf Iraan itti gaafatamummaa fudhatti jedhan Raatkiliif.

Kana malees ,Raashiyaafii Iraan galmee filattoota Ameerikaa akka argatan aanga’oonni biyyatti irra dhaqabanii jiru jedhan.

Dhimmi kun kan dhagahame filannoodhaaf yeroo guyyoonni 13 hafanitti kan jedhe gabaasni BBC,

Tikni Nageenya biyyittii dhimma kana filannoo jala gahee beeksisuun isaa hagam qaamoleen alaa filannicha keessa harka akka galfatan mootummaan xiyeeffannoo itti kennuu agarsiisa jedheera.

Ergaan Garee ‘Faar Raayiti Pirawud Booyi ‘jedhu irraa karaa iimaalii ergame kun deeggartoonni Dimookiraatotaa jeequmsaaf kan kakaasuufi bulchiinsa Preezdaantii Doonaald Tiraamp balleessa kan jedhu akka ta’es himameera.

Ragaan barreeffamaa argamuu baatuus Raashiyaan hanga galmee filattoota Ameerikaa akka argatte odeeffannoon jira jechuun gabaasichi beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.