Fana: At a Speed of Life!

Isiraa’eel Gamtaa Afrikaa keessatti iddoo Taajjabdummaa argatte

Finfinnee, Adooleessa 16, 2013 (FBC) – Isiraa’eel Gamtaa Afrikaa keessatti iddoo Taajjabdummaa argachuu ishee ibsame.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Isiraa’eel Yaayir Laappiid guyyaa kun guyyaa hariiroo Isiraa’eelii fi Afrikaaf gammachuu guddaan itti dubbatamu ta’uu ibsaniiru.
Bu’aan dippiloomaasii kun tattaaffii olaanaa Ministeera Dhimma Alaa Isiraa’eel, biyyoota miseensa gamtaa Afrikaa fi Imbaasiiwwan Isiraa’eel biyyoota miseensa gamtichaa keessatti argamanii ta’uu ibsaniiru.
Isiraa’eel Gamtaa Afrikaa keessatti iddoo Taajjabdummaa argachuun hariiroora Ardichaa waggoottan kurnaan lamaan darban qorree ture irra deebiin kan si’eessu ta’uu himaniiru.
Isiraa’eel biyyoota Afrikaa 55 keessaa 46 waliin hariiroo dippiloomaasii qabaachuu himaniiru.
Hariiroon Moorookoo fi Sudaan waliin adda citee ture bara darbe irra deebiin eegaluu kaasaniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.