Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS waliin hariiroo qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu ibsite

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii biyyoota miseensa BRICS Raashiyaa Mooskootti taa’amaa jirurraatti yeroo jalqabaaf hirmaachaa jirti.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuu fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itiyoophiyaa bakka bu’uun yaa’icharratti hirmaachaa jiru.

Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun hariiroo diinagdee ishee cimsuuf murannoo qabaachuu Obbo Maammoo Mihiratuun ibsaniiru.

BRICS hojiilee misooma qabeenya diinagdee Itiyoophiyaa ammayyeessuu, hanqinaalee faayinaansii guutuu fi Invastimantii guddisuun galtee misoomaaf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.