Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hojiirra oolmaa Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaaf gahee adda duree bahachaa jirti-Obbo Kaasaahun Gofee

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Ityoophiyaan hojii irra oolmaa Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa keessatti gahee adda duree bahachaa jirti jedhan Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kasaahuun Gofeen.

Maalummaa Waliigaltee Daldala Walabaa Ardii Afrikaa irratti leenjiin hubannoo biyyaalessaa Jimmatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti, Obbo Kaasaahuun Gofeen akka jedhanitti, guddina biyyaa fi fooyya’iinsa jireenya ummataa keesatti gumaacha olaanaa kan qabu karooraa Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa keessatti hojiirra oolchuuf Itiyoophiyaan ga’ee adda duree bahachaa jirti.

Ministeerichatti Dursaa Hoji Raawwachiisaa Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Daldalaa fi Idil Addunyaa Obbo Tagas Mulugeeta waltajjii leenjii irratti, sagantaan walitti hidhamiinsa Naannawaa Daldala Walabaa Afrikaa hirmaannaa fi fayyadamummaa biyyootaa, sadarkaa addunyaatti hariiroo daldalaa fi dinagdee xiqqaa qaban bu’uuraarraa ni jijjiira jedhan.

Tasfahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.