Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan naannawichatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf tattaaffiin taasistu cimee akka itti fufu ibsite

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan naannawaa Baha Afrikaatti nageenya waaraa, misooma waloo fi walitti hidhamiinsa daldalaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasistu cimee akka itti fufu Ministeerri Nageeyaa ibse.

Waltajjiin marii mata duree “Nageenyaa fi Walooma Naannawaa Walitti Hidhamiinsa Diinagdee Waaraaf” jedhuun gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Ministirri Ministeeraa Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam, Itiyoophiyaatti misooma saffisiisuu fi fayyadamummaa ummataa, mirkaneessuuf hojiilee bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu ibsan.

Misooma waloon garasitti nageenya keessoo mirkanessuu fi waaraa taasisuuf tattaaffii hundaa gaafata jedhan.

Naannawaalee walitti bu’iinsi ture yeroo ammaa nageenyii fi tasgabbiin uumamuu hubachiisan.

Nageenya mirkanaa’aa jiru waaraa taasisuuf mootummaan tattaaffiiwwan hedduu taasisaa jiraachuu himuun, nageenya waaraa naannawaaf qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi akka tumsan gaafataniiru.

Mootummaan gama isaan rakkolee kamuu mariin furuuf ejjennoo cimaa qabaachuu eeruu TOI gabaaseera.

Nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaaf Itiyoophiyaan gahee adda durummaa kan bahattu ta’uu ibsanii, nageenya waaraa, misoomaa fi walitti hidhamiinsa daldalaa uumuuf tattaaffiin taasiftu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.