Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa badhaate ijaaruu fi dameewwan hunda ammayyeessuuf kalaqni murteessadha –MM Abiy Ahimad.

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Waltajjii dorgommii ogummaa biyyaalessaa 3ffaa ifatti bananiiru.

Waltajjii Ministeerri Hojii fi Ogummaa mata duree ‘Ogummaa dorgomtummaaf’ jedhuun qopheesse ha’aa eegalee guyyoota 5 kan turu ta’uu ibsameera.

Dorgomicharratti agarsiifni hojiilee kalaqaa, mariin paanaalii fi sagantaaleen garaagaraa kan jiraatu ta’uu eerameera.

Dargaggoota ogummaa fi ga’umsa qaban ga’oomsuun baasuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf dorgommichi qooda qabaachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Ityoophiyaa badhaate ijaaruu fi dameewwan hunda ammayyeessuuf kalaqni murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Ityoophiyaan keessatti damee hundaan hanqinni galteewwanii waan hin jirreef ogummaa kalaqaa guddisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Ogeeyyiin Kalaqaa qormaatileen osoo hin gufatin qormaatilee akka ka’umsaatti fayyadamuun, hojiilee bu’aa qabeessa ta’anirratti xiyyeeffachuu akka qaban dhaamaniiru.

Hojiileen kalaqaa dorgommichaaf dhiyaatan abdii kan namatti horan ta’uu eeruun, ministeerichi hundaa’ee yeroo gabaabaa keessatti hojiilee bu’aa qabeessa ta’an raawwachuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.