Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa waliigaltee Doolaara miiliyoona 27.6 walii mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa waliigaltee hariiroo hawaas diinagdee cimsuu dandeessisan walii mallatteessan.

Waliigalteen mallatteeffame deeggarsa Doolaara miiliyoona 27.6ti.

Waliigalteen jalqabaa kan Doolaara miiliyoona 10 yoo ta’u, misooma biiznasii infoormeeshin teeknooloojiirratti hundaa’ee fi intarpiraayizoota xixiqqaa fi jiddugaleessaa deeggaruuf oola.

Proojaktiin kunis kan waggaa 6ti.

Waliigaltee lammaffaan dandeettii hoggansaa fi leenjistoota barnoota leenjii teeknikaa fi ogummaa cimsuuf waggaa 6f hojiirra kan oolu yoo ta’u, kunis proojaktii Doolaara miiliyoona 8ti.

Waliigaltee sadaffaan ammoo kan proojaktii Doolaara miiliyoona 9.6ti.

Kunis waggaa 5f naannoo Afaarii fi Beenishaanguul Guumzitti daa’imman deeggaruuf kan ooludha.

Waliigalticha kan mallatteesse ministir deettaa Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Admaasuu Nabbabaa fi bakka bu’aa Kooriyaa Kibbaati.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.