Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa, Gamtaa Awurooppaa fi Faransaay waliigaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 32 mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa, Gamtaa Awurooppaa fi Ejensiin Misoomaa Faransaay waliigaltee deeggarsa maallaqaa Yuuroo miiliyoona 32 mallatteessaniiru.

Waliigaltechas Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawu, Ityoophiyaatti Daayrektarri Ejensii Misoomaa Faransaay Valariyee Tehiyoo fi Ityoophiyaatti Hogganaan Garee Walta’iinsaa Gamtaa Awurooppaa Dooktar Isteefan Look mallatteessaniiru.

Maallaqni deeggarsichaas wabii nyaataa mirkaneessuu fi naannawaa walitti bu’iinsaan miidhamaniitti hojiilee misooma qonnaa gaggeessuuf kan oolu ta’uun ibsameera.

Deeggarsicha keessaa Yuuroo miiliyoona 18 Ejensii Misoomaa Farnasaayiin, Yuuroon miiliyoonni 14 ammoo Gamtaa Awurooppaan ta’uun eerameera.

Pirojektichis Inistitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Ityoophiyaan kan hojiirra oolu yoo ta’u, naannolee walitti bu’iinsaan miidhaan keessumaa Naannoo Tigraay, Amhaaraa fi Afaaritti galteewwan barbaachisaa dhiyeessuun oomishaa qonnaa irra deebiin akka eegalan taasisuuf kan ooluu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Akkasuma bu’uuraalee misoomaa kenniinsa tajaajilaa misoomsuuf akka oolu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.