Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Sudaan Kibbaa diinagdeen waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Ityoophiyaafi Sudaan Kibbaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi walitti hidhamiinsa diinagdeen waloon hojjechuuf haala danda’anirratti mari’atan.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen jila Ittaanaa Pireezidaantii Sudaan Kibbaa Taabaan Deeng Gaayiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin, biyyoonni lameen bu’uuraalee misoomaa daandii, anniisaa, teelekoominikeeshinii, bishaan, geejjibaafi dameelee diinagdee bviroon walitti hidhamuun haala fayyadamummaa waloo guddisuun danda’amurratti waliigalteerra gahuu eerameera.

Obbo Ahimad Shiideen walta’iinsi biyyoota lameenii waggoottaniif kan ture ta’uu eeruun, Itypoophiyaan Sudaan Kibbaaf anniisaa elektirikaa dhiyeessuun, bu’uuraalee misoomaa daandii diriirsuuniifi dameelee diinagdee biroon tumsuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Sadarkaa daandii Finfinnee- Juubaa guddisuuf akkasumas misooma humna elektirikaafi piroojektoota teelekoomiif waloon deeggartoota misoomaa deeggarsa maallaqaa kan gaafatan ta’uu eerameera.

Ittaanaa Pireezidaantii Sudaan Kibbaa Taabaan Deeng Gaayiin gamasaaniin, Ityoophiyaan lammiilee Sudaan Kibbaaf mana isaanii lammaffaa ta’uu kaasaniiru.

Fayyadamummaa waloo uummata biyyoota lameeniif tumsi diinagdee barbaachisaa ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.