Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan marii Hidha Haaromsaarratti Ameerikaatti gaggeeffamurratti hin hirmaattu

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) -Ityoophiyaan marii Hidha Haaromsaarratti Ameerikaatti gaggeeffamurratti hin hirmaattu.
 
Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii akka beeksisetti Ityoophiyaan marii Hidha Haaromsaarratti Ameerikaatti gaggeeffamuuf yaadamerratti hin hirmaattu.
 
Mariin Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts hirmaachise, taajjabdummaa Ameerikaa fi Baankii Addunyaatin Waashiingitanitti gaggeeffamaa turuun ni yaadatama.
 
Ammas baatii Faranjootaa Feebruwaarii 27 – 28,2020tti waltajjii itti aanu Waashiintitanitti gaggeessuuf beellamameet ture.
 
Ministeerichi akka beeksisetti mari’attoonni garee Ityoophiyaa qooda fudhattoota biyya keessaa waliin marii taasifamu waan hin xumuriniif, yeroo kaa’ametti maricharratti hirmaachuu hin dandeessu.
 
Murtee kanas Ityoophiyaan Biiroo Maallaqaa/Treezharii/ Ameerikaatti beeksisteetti.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.