Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni Yuukreen jiraatan gara Poolaanditti akka ce’an eeyyamamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Ityoophiyaanonni Yuukreen jiraatan daangaa Poolaand ce’anii seenuu akka danda’aniif Ministeera Dhimma Alaa Poolaand waliin mari’achuun eeyyamsiisuun danda’amuu Jarmanitti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksise.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Yuukreen jiraatanii fi gara daangaatti imalaa jiran hanga danda’ametti ariitiin gara bulchiinsa biyyattii akka seenanii fi gara Ityoophiyaatti akka imalan imbaasichi yaadachiiseera.

Rakkoon lammiilee Ityoophiyaa akka hin mudanne dhiyeenyatti hordofaa jiraachuu imbaasichi ibseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.