Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanoonni 11 karaa seeraan alaatin daangaa ce’uf turan gara biyya deebi’aan

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC)- Ityoophiyaanoonni 11 karaa seeraan alaatiin gara Afrikaa kibbaatti imaluuf daangaa ce’uf turan gara biyyasaanii deebi’uu Keeniyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksise.
Ityoophiyaanoonni kunneen daddabarsoota seeraan alaa namaan odeeffannoo dogogoraatiin naannoosaaniirra ka’uun sanada imalaa ga’aa osoo hin qabaatin gara Afrikaa kibbaatti imaluuf daangaa ce’uun erga Keeniyaa galanii booda keeniyaatti daayreektaroota qorannoo yakkaatin to’annaa seera jala oolaniiru.
Biiroo qorannoo yakkaa waliin qindoominaan hojjechuun har’a gara biyyaa akka deebi’aan taasifamuu Keeniyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa ibseera.
Imbaasichi baatiwwan 6n darbanitti lammiilee 263 immigeerishinii Keeniyaa, daayreektooreetii qorannoo yakkaa Keeniyaa fi qaamolee poolisii Keeniyaa waliin waloon hojjechuun lammiilee mana amalaa sirreessa keessaa tura gara biyyaa deebisuun isaanii ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.