Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanoonni Awustaraaliyaatti argaman haala waqtaawaa  biyyaarratti mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa Awustaraaliyaatti argaman haala waqtaawaa  biyyaarratti viidiyoo konfiransiin mari’ataniiru.

Marichaan Awustaraaliyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Muktaar Kadiir, haala waqtaawaa biyyarratti ibsa taasisaniiru.

Ambaasaaddarichi keessaahu mootummaan waliigaltee dhuukasa dhaabuu naannoo Tigraayirratti murtoo dabarsee ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa akasumas Ityoophiyaa dhiyeenya kan gaggeesitee filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaarratti ibsa taasisaniiru.

Miseensi diyaaspooraa hirmaannaa olaanaa taasiseef bu’aawwan argamaniif galateeffataniiru.

Yeroo amma kanaas Ityoophiyaa deeggarsa ijjooleeshee ni barbaaddi kan jedhan ambaasaaddarichi, deeggarsichi cimee akka itti fufuu waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.