Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti giddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa 29 tajaajila laacha jira

Finfinnee, Caamsaa 25, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti giddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa 29 tajaajila laacha jira.

Ityoophiyaatti giddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa 29 tajaajila laacha jirachu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ityoophiyaatti qorannoon laabiraatoorii dhibee vayrasii koroonaa jiraachuu dhabuun saamudni gara Afrikaa Kibbaatti ergamuun firii isaa beekuuf baasiin yeroo fi maallaqaa akka ture himaniiru.

Rakkina kana hubachuun yeroo dhiyootti biyya keessatti meeshaalee qorannoof barbaachisan guutuu fi ogeessota leenjisuun giddugala qorannoo laabiraatoorii qindeessuu beeksisaniiru.

Giddugalli 4 qophiin isaa xumuramuu fi kanneen 16 ammoo qophiirra jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.