Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti koonfaransiin misooma intarneetii jalqabaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti koonfaransiin misooma intarneetii jalqabaa gaggeeffamaa jira.
 
Koonfaransiin Finfinneetti gaggeeffamaa jiru kun hawaasa intarneetii Afrikaan kan qophaa’e yoo ta’u, hanga Gurraandhala 26, 2012tti tura jedhameera.
 
Koonfaransii kanarratti imaammata baaftonni biyya keessaa fi idil addunyaa, seektaroonni dhuunfaa, hayyoonni damichaa fi waldaan siiviilii hirmaachaa jiru jedhameera.
 
Koonfaransiin kunis miidhaa fi carraa intarneetiirratti xiyyeeffatee gaggeeffamaa jira.
 
Ityoophiyaan tarsiimoo damichaa gaarii qabaattus, biyyoota Afrikaa ishee fakkaatan waliin yoo madaalamte garuu gadi aanadha jedhame.
 
Magaaloota baadiyaa biyyattii keessatti uwwisni intarneetii gadi aanaadha.
 
Tajaajjilli 3G magaalot baadiyaa ga’us 4Gn garuu magaalaa Finfinnee keessatti qofa hojiirra oole jedhameera.
 
Ummata Ityoophiyaa keessaa %60 qaama intarneetti baayy’inaan fayyadamuu fedhudha.
 
Tarsiimoon biyyattiin hanga ammaatti ittiin imalaa turte bu’aa qabeessa waan hin turreef, biyyoota biroorraa bu’aa fi miidhaa isaa barachuun naannoo baadiyaa hunda waliin ga’uuf mala haaraa hojiirra oolchuun murteessadha jedhame.
 
Ityoophiyaan koonneekshinii waliin ga’uuf dhaabbilee damichaaf karra ishee banaa gochuu fi seerota haaraa hojiirra oolchuu qabdis jedhameera.
 
Jijjiirrama dhugaa fi qabatamaa ta’e fiduuf qooda fudhattoota waliin mariin ifa ta’ee fi itti fufiinsa qabu ni barbaachisa jedhame.
 
Bu’aa damichaan jiru dabaluuf furmaanni inni duraa qooda fudhattoota hirmaachisuu fi tarsiimoo bu’aa qabeessa ta’e qopheessun barbaachisaa ta’uutu ibsame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.