Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,324 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,324 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 20 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 6,299 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,324 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 2,734 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 55,979 irratti argama.

Namoonni 1010 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 20 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,551 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 52 fi 279 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.