Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 5 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Bitootessa 27, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 5 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e.

Sa’aa 24 darbetti qorannaa laaboraatoorii samuudaa namoota 59f hojjetameen, namoonni dabalataa 5 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.

Haaluma kanaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 43 qaqqabuusaa Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiseera

Namoonni 3 lammii Ityoophiyaa  jiraattoota  magaalaa Finfinnee yoo ta’an,tokko lammii Eertiraa tokko  ammoo lammii Liibiyaa ta’uu ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.